Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kutaalee Oromiyaa garaa garaa irraa Oromoonni sababa kabaja Ayyaana Irreechaaf naannawwaa Finfinneetti dhufaa jiran Hidhamaa jiraachuutu dhagaa’ame

ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2024 

Murnootni abbaa irree sirna nafxanyoota leellisan dabareen aangoo wal harkaa fuudhaa as ga’an ammas akkuma duriitti Oromoo irratti irree isaanii jabeessuun akka uummatni Oromoo jedhutti osoo hin taane akka ofii fedhanitti dararaa raawwachuu itti fufanii jiru.

Akkuma kanaan dura beekamu ayyaanni irreechaa ayyaana Oromoon waggaatti al tokko waliin Malkaatti ba’ee waliin kabajatu ta’us gareen impaayerattii bulchu immoo Oromoon Malkaa irraa dhorkamuu fi guyyaa ayyaana kanaa hidhaatti guuramuun amaluma abbootii irree Itiyoophiyaa bulchina jedhanii ta’uun kan beekamuudha.

Haa ta’u malee torban kana guyyaa gaafa Dilbataa fi Sanbata fuulduraa kana kabaja ayyaana Irreechaa ta’uun erga beekamee as dargaggoonni Oromoo karrawwan Finfinnee shanan irratti mana hidhaatti guuramaa jiraachuutu himama.

Naannawwaa Finfinnee fi magaalaa Shaggar Siitii keessatti murni Bilxiginnaa Oromoota ukkamsuu, ajjeesuu fi manneen jireenyaa isaanii diiguun kan beekamu tibbanuma kana amaluma dur qabu sanaan Oromoo Finfinnee irraa dhorkuu jabeessee itti fufe.

Ayyaanni Irreechaa ni kabajama jedhu malee Oromoon akka barbaadetti ayyaana Irreechaa Malkaa bahee kabajee kan hin beekne ta’uu namuu quba kan qabuudha.

Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Harsadeetti kabajamu irratti waggaa dhufee darbu sakaallaan bocamee qophaa’u danuu ta’us sabboontonni ilmaan Oromoo garuu bifuma kana keessatti aarsaa barbaachisu kaffaluun irreeffachaa jiru.

Exit mobile version