ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024
Ilmaan Oromoo qofa irratti xiyyeeffachuun loltoonni bilxiginnaa kutaalee Oromiyaan alatti illee adamsanii qabuun hidhaatti darbachaa fi achi buutee dhabamsiisaa akkasumas reebicha hamaa irraan ga’aa jiru.
Magaalaa Asoosaa keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Onkoloolessa 13, 2024 Irreechi kan irreeffatame yommuu ta’u, loltoonni bilxiginnaa hedduun kabaja ayyaana kana irratti baay’inaan argamuun dargaggootaa fi ilmaan Oromoo hedduu ukkaamsuun hidhaatti darbachuu fi achi keessaa kanneen achi buutee isaanii dhabamsiisan jiraachuu jiraataan magaalichaa ayyaana Irreechaa irratti argame tokko ONM’tti himee jira.
Akka jiraataan kun jedhutti, “guyyaa kaleessaa Onkoloolessa 13, 2024 irreeffachuuf hoggaa gara malkaa deemnu dargaggoonni akkuma aadaa keenyaatti sagalee sirbaa dhageessisaa turre, loltoonni sirnichaa ayyaana sana irratti argaman hedduudha, dargaggoota hedduu ammaaf maqaan isaanii adda hin baane kanneen baay’inaan 30 ol ta’an ukkaamsuun qabanii kaan mana hidhaatti darbachuun kaan immoo hanga ammaatti achi buutee isaanii dhabamsiisanii jiru.
Nuti dargaggootni “Oo yaa baala tuufoo, Jaal Marroo nuuf wayya nuufoo” jechuun sirbaa turre, namoota iji isaanii irra bu’e ukkaamsuun qabanii deeman” jechuun dubbata.

