ONM-ABO Onkoloolessa 5, 2024
Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa magaalaa Bulbulaatti waraanni murna abbaa irree Bilxiginnaa utubuuf sochii taasisan jiraattota irratti halkanii fi guyyaa saamichaa fi dararaa bifa addaan geggeessaa jiraachuun ifoomeera.
Akka jiraattonni jedhanitti waraanni faashistii PP mana jireenyaa dhuunfaa seenanii saamuu, hidhuu fi manneen gubuu raawwachaa kan jiran ogguu ta’u, hoteelota irra deemuun meeshaa waraanaatiin sodaachisanii saamuu, mana bunaa irra deemuun doorsisaa fi saamicha geggeessuu, haawwan gudeeduu, bakka jimaan gurguramu deemuun dargaggoota guuruu fi kanneen biroo hedduu raawwachaa akka jiran himameera.
Kana malees ati deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti maqaa jedhu namoota nagaatti maxxansuun yakkanii jumlaan hidhaatti guuraa kan jiran yoo ta’u keessattuu maatiin qabsaa’otaa sababa ilmaan isaaniif jecha yakkamoo ta’anii hiraarfamaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.

