ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2024
Uummata meesha maleeyyii ajjeesuu, hidhuu fi saamuun alatti dirqama waraanummaa kan hin qabnee fi saayinsii waraanummaa tokkollee kan hin kabajne waraanni impaayera Itiyoophiyaa, golee Oromiyaa mara keessatti sababa sobaa garaa garaa itti maxxansuun uummata Oromoo irratti gocha suukkanneessaa raawwachuu jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca’aatti loltoonnii bilxiginnaa hawaasa nagaa ajjeesuu fi madeessuu itti fufanii jiraachuu maddeen himan.
Fulbaana 30, 2024 aanaa Sulula Finca’aa bakka addaa Abarraa Taraaraa jedhamu keessatti hawaasa nagaa hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’anii jiraatan irratti waraanni goolessaan bilxiginnaa dhukaasa bananiin nama tokko haala suukkanneessaa ta’een rasaasa lamaan battalatti yoo ajjeesan, nama lama (2) ammoo madeessuu jiraattonni gandicha irraa dubbisne Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni miidhaan irra qaqqabe kunneen maqaan isaanii:
- Obbo Daanii Gammachuu battalumatti yoo lubbuun darbu,
- Obbo Kabbadaa Taaddasaa mataa irra madaa’ee jiraachuu fi
- Obbo Mizgaanaa Dirribaa kan jedhamu ammoo rasaasa lamaan miilla isaa lamaan rukutamuun, yeroo ammaa mana yaalaa keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuunis ibsameera.
Akka namootni itti dhiyeenyaan beekan jedhanitti, namoonni kunneen qonnaan bultoota hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne, hojii dhuunfaa isaanii hojjechuun ofiif maatii isaanii kan jireessan ta’uu himaniiru.

