Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee fi magaalaa Kamisee keessatti murnoota bilxiginnaan hidhaa, reebichaa fi saamichi maatii qabsaa’otaa irratti geggeeffamu daran jabaate

ONM-ABO Onkoloolessa 5, 2024 

Murni maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo doorsisuu, ukkaamsuu,  ajjeesuu, saamuu, manneen irratti gubuu fi hidhuun akka waan impaayera Itiyoophiyaa keessatti nageenyi waaraan dhufuutti amanu bilxiginnaan, loltoota isaa gara jabeeyyii fi naamumsi waraanummaa itti hanqatu golee Oromiyaa mara keessatti bobbaasuun  hawaasa nagaa jiruu fi jireenya isaa geggeeffatu maqaa ilmaan keessantu bosona jira jedhuun hiraarsee Oromiyaa dirree jeequmsaa fi ilmaan ishee irratti dararaman erga  taasisanii bubbuleera. 

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee fi magaalaa Kamisee keessatti maatiin qabsaa’otaa fi sabboontotni ilmaan Oromoo ergamtoota maafiyaa PP’n reebamaa fi hidhamaa jiraachuun barame. 

Roobii darbe Onkoloolessa 2, 2024 aanaa Harxummaa Fursee ganda Coqorsoo keessaa hidhattoota murna bilxiginnaan obbolootni lama dargaggoo Nasraddiin Sayidii fi Ibraahim Sayid jedhaman lukkeelee bilxiginnaa kan ta’e namni Adam Wadaddar jedhamu ganda Coqorsoo guutummaatti waraanaan marsisiisuun maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun dargaggoota obbolaa lamaan erga qabaniin booda reebicha hamaa irraan ga’anii magaalaa Kamiseetti hidhuun beekameera.

Akka jiraattotni ganda Coqorsoo ONM’tti himan jedhanitti dargaggoonni kun dhalootaan ganda Qabballee yoo ta’an, maqaa maatii qabsaa’otaati jedhamuun hidhattoota murna bilxiginnaan qe’eerraa ari’amanii firoottan isaanii biratti kan galan ta’uu himanii, erga achitti galaniis gareen faashistii PP kun biraa hafuu diduun ganama osoo isaan hirriiba irra jiranii waraanaan itti marsuun qabanii reebaa akka hidhan dubbataniiru.

Ergamtootni murna nama nyaataa PP kunis dargaggoota kana erga qabanii maatii qabsaa’otaa arganne jechuun dhiichisaa magaalaa Kamisee geessuu fi achittis dargaggoota kana kan qoosaa godhachuun, asiin booda jireenyi keessan lafa jala, hanga biyyeetti isin dabalutti waan beektan  dafaa himaa jechuun doorsisaa turuu fi ergasii maatiin nyaataa fi uffata qabachuun yeroo dhaqanitti hin argine jedhanii ari’uu fi maatiinis dargaggoota kana du’aa fi jireenya isaanii wallaalanii boo’aa deebi’uu dabaluun ibsaniiru.

Oduuma hidhaan wal qabatuun ammoo godinichuma magaalaa Kamisee keessaa Fulbaana 30, 2024 dargaggoo maqaan isaa Awwalee Huseen jedhamu waraanni faashistii PP sobaan yakkuun maqaa WBO deggartaa fi eeruu laattaaf jedhu itti maxxansuun qabanii maallaqa 100,000 olitti tilmaamamuu fi bilbila guddaa harkaa saamuun gabaa keessatti uleen cafaqaa waajjira poolisiitti akka hidhan jiraattotni magaalichaa dabaluun dubbataniiru.

Exit mobile version