ONM-ABO Onkoloolessa 5, 2024
Xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa fi Ingilizii Jimaata kaleessaa magaalota Yaman hedduu keessatti haleellaa walduraa duubaan galma Huutii irratti bananiiru.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka jedhanitti haleellaan qilleensaa kun buufata waraanaa Huutii Al-Sa’eyanaa Sana’aa, buufata galaanaa Al-Kateeb Hodeyidaa fi buufata waraanaa Dhamar irratti xiyyeeffate.
Haleellaan kun kan raawwatame yeroo deggartoonni Huutii kumaatamaan lakka’aman daandii Sana’aa fi naannolee biroo irratti hiriira bahanii ummata Falasxiin fi Libaanos waliin tumsa qaban ibsuu fi mormii waraana Israa’el, akkasumas ajjeechaa Israa’el hogganaa Hizbullah Hassan Nasrallaa irratti raawwatte balaaleffatanitti.
Dubbi himaan mootummaa Huutii Hashem Sharaf Al-Din haleellaa xiyyaaraa kana balaaleffachuun, haleellaa xiyyaaraa Ameerikaa fi UKn doonii irratti raawwatu fi haleellaa misaa’elaa fi diroonii Israa’el irratti raawwatu akka xumuramuuf dhiibbaa gochuuf “yaalii abdii kutannaa” ta’uu ibsaniiru.
Amajjii irraa eegalee waraanni Ameerikaa fi UK irra deddeebiin haleellaa Sana’aa, Hodeyidaa, Tayiz fi naannolee Yaman kanneen biroo Huutiitiin qabaman irratti banuun, meeshaalee diroonii fi misaa’ela furguggisuun, bakka kuusaa fi kuufama rasaasaa irratti xiyyeeffatan.
Kan yeroo dhiyoo kun torban darbe keessa haleellaa Huutiin dooniiwwan Galaana Diimaa keessa jiran irratti raawwatate hordofeeti.
Dilbata darbe xiyyaaronni waraanaa Israa’el buufata doonii, buufataalee humna elektiriikaa fi kuusaa boba’aa Hodeyidaa keessa jiran rukutanii turan jechuun Arabs news gabaaseera.

