Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Xiyyaaronni waraanaa Israa’el Yaman keessatti haleellaa qilleensaa haaraa banan

ONM-ABO Muddee 27, 2024 

Xiyyaaronni waraanaa Israa’el Kamisa kaleessaa Yaman keessatti haleellaa qilleensaa haaraa kan jalqaban yoo ta’u, lola duguuggaa sanyii Israa’el Gaazaa irratti raawwatte irratti waldhabdeen naannoo dabalaa dhufuu isaa miidiyaaleen Israa’el beeksisaniiru.

Haleellaan kun buufata xiyyaaraa Sana’aa fi buufata doonii Al-Hudaydah lixa Yaman dabalatee iddoowwan tarsiimoo Yaman hedduu irratti kan xiyyeeffate ta’uu miidiyaan ummataa Israa’el KAN ibseera.

Chaanaaliin Israa’el 12 akka jedhetti, haleellaa kana keessatti buufataalee humna elektiriikaa irratti xiyyeeffataniiru.

Akka Chaanaalii Israa’el 13 gabaasetti, haleellaa kana irratti xiyyaaronni waraanaa Israa’el kudhanootaan lakkaa’aman kan hirmaatan yoo ta’u, haleellaa kana irratti haasawa hogganaan Huutii Abdel-Malik al-Hutii televijiiniin darbasaniin kan wal-simu ta’uu ibsameera.

KAN akka jedhetti haleellaan kun osoo hin jalqabamin dura Ameerikaan beeksiftee turte.

TVn Al-Masirah kan Huutii waliin hidhata qabu haleellaa qilleensaa Israa’el Sanaa fi Al-Hudaydah irratti raawwatte, bal’inaan osoo hin ibsine mirkaneesse.

Weebsaayitiin biyya keessaa Sadaasa 26 madda nageenyaa wabeeffachuun akka jedhetti haleellaan xiyyaaraa Ameerikaa fi UK buufata xiyyaaraa Sanaa irratti masaraa to’annoo irrattis xiyyeeffate.

Haleellaan haaraan kun erga Onkoloolessa darbe irraa eegalee waraanni duguuggaa sanyii Israa’el Gaazaa irratti jalqabdee as haleellaa Israa’el iddoowwan Huutii Yaman irratti raawwatte isa 4ffaadha jechuun Arabs News gabaaseera

Exit mobile version