Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe 

ONM-ABO Onkoloolessa 7,  2024

Lukkeelee fi ergamtoonni sirnichaa addatti uummata Oromoo dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Abiy Ahimediin bobbaafaman dararaa hamaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yommuu ta’u, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufuun himameera.

Ganda Cittuu Safaraa jedhamtu irraa ergamtoonni bilxiginnaa yeroo garaa garaatti maqaa adda addaa itti dhahuun maallaqa gaafachaa kan turan yoo ta’u, ammas haala duraan barameen olitti hawaasa irraa humnaan afaan qawwee itti qabuun saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti, lukkeeleen bilxiginnaa saamicha irratti hammeessuun nama qotiyyoo cimdii qabu irraa qarshii 500, nama qotiyyoo 1 qabu irraa qarshii 300 fi nama waan tokko illee hinqabne irraa qarshii 200 dirqiin fudhachaa jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version