ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2024
Yeroo ammaa akkuma guutuu Oromiyaatti aangaa’onni Bilxiginnaa maallaqa guddaa dhangalaasuun tooftaa ittiin ilmaan Oromoo lafa irraa duguugan baafatanii loltootaa fi ergamtoota isaaniif amanamoo ta’an godinaa qabee hanga aanaatti jiran qe’ee hawaasa Oromoo keessatti bobbaasuun gochoota suukkanneessoo fi egeree sabichaaf yaaddessaa ta’an, akkasumas ni jiilcha jedhanii amanan cufa, kanneen akka ajjeechaa, jumlaan hidhuu, mana irratti gubuun qe’eerraa buqqisuu fi saamicha qabeenyaa raawwachuu irratti fulleeffatanii guyyuu hojjechaa jiru.
Bifuma kanaanis, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa keessatti murnoota bilxiginnaan hidhaa fi buqqaatiin namoota nagaa irratti raawwatamu yoo jabaatu, gama biraan ammoo loltootni faashistii PP namoota nagaa yoo ajjeesan maallaqa guddaa badhaafamaa akka jiran ibsameera.
Oduu hidhaa kanaanis Onkoloolessa 2, 2024 hidhattootni murna bilxiginnaa ganda Elemoo keessatti bobba’uun namoota nagaa kan maqaan isaanii Ibraahim, Abduu Nuuruu fi Sarbaddiin jedhaman maatii qabsaa’otaati ittiin jechuun uleen cafaqaa magaalaa Kamiseetti geessanii hidhaniiru.
Akka jiraattotni ganda Elemoo jedhanitti dargaggoo Ibraahimii fi Sarbaddiin kan jedhaman dhalootaan ganda Qabballee ta’uu himuun, torbee tokko dura milishoota sirnichaan maqaa maatii qabsaa’otaati gandaa fi ooyruu keessan irra jiraachuu hin dandeessan lafa nuuf gadhiisaa deemaa jedhamuun sodaa lubbuu isaaniif manaa fi ooyruu isaanii dhiisuun fira isaanii ganda Elemoo jiru Abduu Nuuruu kan jedhamu biratti kan galan ta’uu namootni beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Haa ta’u malee hawaasa nagaa rakkisuun kan amala itti ta’e milishoonni sirnichaa achittis isaan hordofuun dargaggoota kanaa fi kan isaan bira jiraachaa turan kanas waliin qabuun reebaa akka hidhan dabaluun ifoomsan.
Oduu biraatiin ammoo akka odeessi keessoo PP ONM dhaqqabe addeessutti, labsii murnichi akka godina Wallootti tibbana baaseen hidhattootni sirnichaa riphee lolaa, raayyaa ittisa impaayerattii, milishootaa fi poolisoota jechuun of yaaman ilmaan Oromoo faallaa siyaasa bilxiginnaa ta’a jedhanii yaadan tokko yoo ajjeesan maallaqa 500,000 badhaafamaa jiraachuu fi gareen naasuu dhala namaaf hin qabne hidhattootni murna maafiyaa PP kunis, kana caalaatti ni hojjenna garuu maallaqni nuuf dabalamuu qaba jedhanii dubbachaa turuu fi asiin boodas gocha badii isaanii kana akka itti fufan murteeffatanii jiraachuu maddi odeeffannoo keenya godina Walloo miira gaddaan dubbateera.

