ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2024
Murni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon hawaasa Oromoo irratti duguuggaa sanyii geggeessuuf murna Bilxiginnaan bobbaafaman miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuun ifoomeera.
Bifuma kanaanis Onkoloolessa 5, 2024 aanaa Dharraa ganda Makaftaa jedhamu irraa humnootiin finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon halkan iddoo addaa Harbuu Masqaleetti bobba’uun haadha maqaan ishee Asagaduu Tasaggaa jedhamtu qe’ee ishee irraa qabuun gara laafina tokko malee rasaasaan waadanii ajjeesanii gatuun himameera.
Akkasumas Onkoloolessa 8, 2024 aanaa Dharraa keessatti waraanni raayyaa ittisa impaayerattii kan sabaan Amaaraa ta’e tokko hawaasa Oromoo ganda Orogoo jedhamu jiraatan irratti dhukaasa banuun miidhaa qaqqabsiisee humnoota badii Finxaaleeyyii Amaaraa Faannootti dabalamuu jiraattonni ONM’tti himan.
Godina Kaaba Shaggar aanaa Dharraa fi aanaalee godinichaa hedduu keessaa erga neetwoorkiin addaan citee kaasee sarbamiinsi mirgoota namoomaa jabaan waraana garboomfataa PP fi humnoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon jabaatee akka jirus jiraattonni himaniiru.
Keessattuu bakkeewwan akka Darraa, Warra Jaarsoo, Qarree Gohaa, Abootee-Ejeree, Kuyyuu-Garba Gurraacha, Dagam-Hambiso, Sulultaa Caancoo, Giraar Jaarsoo-Fiichee, Waacaalee-Muka Xurii, Yaayyaa Gullallee fi Sandaafaa dabalatee sarbamiinsi mirgoota namoomaa hamaan taasifamaa jiraachuun beekameera.

