ONM-ABO Amajjii 18, 2025
Turtii bara aangoo isaa dheereffachuu fi dheebuu aangoo qabuuf jecha qaamolee isaan mormanii fi hawaasa ilaalcha impaayeraa jibban ittiin cabsuuf garee finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo ijaaree hawaasa nagaatti kan bobbaase murni nama nyaataan abbaa irree Bilxiginnaan, ijaarsi inni teessoo isaa ittiin tikfachuuf geggeesse gole Oromiyaa hunda keessatti lubbuu fi qabeenya Oromoo balleessuu itti fufanii jiru.
Kaaba Shaggar aanaa Dharraa ganda Tuutiitti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon Amajjii 16, 2025 dargaggoo maqaa isaa Mohaammad jedhamu kan konkolaataa irraa ba’aa buusuun of jiraachisu naasuu tokko malee ajjeesanii gatuun ibsameera.
Akka maddeen himanitti dargaggoon kun, siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni Abiy Ahimedii fi finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen wal ta’uun Oromummaa isaa qofaan yakkuun ajjeesuus dubbataniiru.

