ONM-ABO Muddee 28, 2025
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti itti gaafatamaan paartii Bilxiginnaa aanichaa Obbo Ahimed Muhee jedhamu, aanichatti ganda Shaashoo jedhamu deemuun meeshaa hawaasni waan qabu cufa gurguree Humnoota Finxaaleeyyii Amaaraa Koloneel Abiy Ahimediin “Faannoon gaachana biyyaati” jechaa hidhachiifamanii hawaasa Oromoo lafarraa duguugaa jiran, ofirraa deebisuuf meeshaa uummanni gareen akka onichaa fi gandichaatti bitate,WBO ittiin ofirraa lollaa fidaa jedhee hawaasa irraa hiikaa jiraachuu jiraattonni ibsaniiru.
Akka jiraattotni ganda Shaashoo dubbisne ONM’f himanitti,meeshaa gareen bitannee ittiin qe’ee fi daangaa keenya eeggachaa jirru kana wayita nuti itti laachuu dinnu reebichaa hanga ajjeechaa lubbuu akka nurratti raawwatan nu akeekkachiisaniiru,nutis qawween nurra dhaabbatanii nu doorsisaa turan waan ta’eef sodaa lubbuu keenyaaf jecha meeshaa garee kana 3 qabnu itti laannee fudhatanii deemaniiru,yeroo ammaa garuu sababa meeshaan nurraa hiikkameef Finxaaleeyyiin Faannoo daangaa irra darbanii qe’ee keenya dhufanii nutti dhukaasaa jiru haalli nuti yeroo ammaa kana keessa jirru sadarkaa yaaddessaarra ga’eeras jechuun yaaddoo nageenyaa qaban ibsu.
Aanicha dabalatee guutammaa godina Walloo keessatti caasaaleen murna gabroomfataa PP maqaa WBO ittiin lolla jedhuun meeshaa hawaasa irraa diriin hiikkachuun haaraa ta’uu dhabus,gochi yeroo ammaa aanaa Harxummaa Furseetti raawwatamaa jiru kun garuu kan Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoof haala mijeessanii, akka hawaasichi mana isaa keessa ciisee jumlaan iddoo tokkotti dhumuuf bulchaa godina Walloo dabalatee shira karaa aangaa’ota Bilxiginnaan ta’e jedhamee itti yaadamuun hojjetamaa jiruudhas jechuun jiraattotni onichaa miira gaddaan dubbataniiru.

