Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti bulchitoonni sirnichaa hawaasa nagaa irraa meeshaa isaanii hiikuun firoottan isaanii fi jaleewwan isaanii hidhachiisaa jiraachuun himame

ONM-ABO Caamsaa 30, 2025 

Koloneel Abiy Ahimed dabalatee bulchitoonni murna Bilxiginnaa maqaa uummata Amaaraa eegduun hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo hidhachiisuun uummata Oromoo ammoo meeshaa isaan Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo guyyuu hawaasa Oromoo ajjeesu ittiin ofirraa qolachuuf bitatan seeraan ala jechuun irraa hiikanii caasaalee isaanii hidhachiifachaa jiraachuun ibsame.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee bulchiinsa magaalaa Qiciicootti bulchaan magaalaa Qiciicoo maqaan isaa Obbo Ahimed Haajii jedhamu jiraattota magaalichaa irratti dararaa ulfaataa geessisaa kan jiru yoo ta’u, qonnaan bulaa maqaan isaa Adam Muusaa jedhamu jiraataa ganda Qarsaa kan ta’e irraa qawwee dhuunfaa isaa hiikuun itti aanaa waajjira barnootaa kan hidhachiisee fi jiraataa ganda Ifaatee Usmaan nama jedhamu irraa ammoo qawwee isaa hiikuun, firaa fi  hiriyyaa isaa kan ta’e nama maqaan isaa Moommadee jedhamu hidhachiisuu jiraattotni saamichi kun irratti raawwate ONM’f eeraniiru.

Dabalataan magaalichumatti bulchaan bulchiinsa magaalaa Qiciicoo Obbo Ahimed Haajii jedhamu kun haadha warraa isaa fi hoji-geggeessituu ganda Tarree Awwaaraa kan taate Aadde Zaaraa Usmaan jedhamtu waliin ta’uun saamichaa fi dararaa ulfaataa jiraattota irraan ga’aa kan jiran yoo ta’u, maqaa waraqaa eenyummaa isiniif baasna jedhuunis doorsisanii nama tokko irraa qarshii 3,500-4000’tti dirqamaan  fuuchaa jiraachuu jiraattotni ona Harxummaa Fursee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version