Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchitoonni godina Horroo Guduruu Wallaggaa dhoksaan humnoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo meeshaa hidhachiisaa jiraachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Adoolessa 19, 2024

Waraanni faashistii PP Horroo Guduruu Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Shaambuutti  garee badii finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo aanolee godinichi qabu hundaattii bobbaasuun yeroo yeroon ajjeechaa raawwachiisaa akkuma turan yeroo ammaa kanas dhoksaan garee badii kana tumsaa akka jiran odeessi keessoo PP’tii ba’e ni addeessa

Akka Jiraattonni jedhanitti angaa’ota bulchiinsa magaalaa Shaambuu qondaalota waraanaa, kaadiroota adda addaa fi milishoota sirnichaa dabalatee meeshaan waraanaa garee finxaaleeyyii Amaaraa Faannoof bulchiinsa godinichaa irraa ba’uufiin akka ajjeechaa jumlaa Oromoo irratti raawwatan taasisaa jiraachuun himameera.

Milishaan murna bilxiginnaa kan maqaan isaa Biraanuu Roorroo jedhamu magaalaa Shaambuu taa’ee hariiroo garee finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo waliin tolfachuun meeshaa itti gurguruun cinaatti hoogganaa waraanaa magaalichaa fi godinaa waliin ta’ee meeshaa ergisiisaafii akka jirus beekameera.

Dabalataanis milishaan kun uummata gandoota baadiyyaa saamee gara magaalaatti kan gale yoo ta’u, uummata gandoota baadiyyaa irraa gara magaalaa imalanis hordofee hidhaatti guuraa akka jiru itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version