ONM-ABO Caamsaa 6, 2025
Uummanni Oromoo Walloo guyyaa irraa gara guyyaatti hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kan koloneel Abiy Ahimediin hidhachiifamanii quba qabeenya isaan bobbaafamaniin qe’ee fi qabeenyaa isaanii irratti humnoota badii kanaan weeraramaa kan oolan yoo ta’u, sababa kanaanis jiraattotni naannichaa martuu qabeenyaa isaanii lafti qonnaa osoo hin hafne gurguruun Finxaaleeyyii kana of irraa deebisuuf jecha meeshaa waraanaa bitatanii turan.
Haa ta’u malee yeroo ammaa murni Abiy Ahimediin hoogganamu meeshaa isaan ittiin lubbuu fi qabeenya isaanii ittiin eeggatan irraa hiikaa jira.
Haaluma kanaan Caamsaa 3, 2025 aanaa Harxummaa Fursee gandoota sadii irraa bireenii hawaasaa 3 maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin lolla jedhuun maanguddoota meeshaan hawaasaa harka taa’u doorsisanii irraa fudhachuun bakka Hara jedhamutti geeffachuu ragaan jiraattota irraa ONM dhaqqabe ni ibsa.
Meeshaan kunis:
- Hasan Bulee biraa bireenii tokko, ganda Funyaan Sullee irraa,
- Abdooyyee biraa Bireenii tokkoo, ganda Ashawaa Luxeetii irraa fi
- Ahimed Adam Musxafaa biraa bireenii tokko, ganda Doobbii irraa akka fuudhan ibsameera.

