ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024
Bilxiginnaa fi ergamtoonni isaa godinaa hanga aanaatti jiran sodaa Bilxiginnaa lafa qabsiisuu fi saamichaaf jecha namoota nagaa ”ilmaan keessantu miseensa WBO’ti” jechuun hidhaa, saamicha, ajjeechaa fi qabeenya mancaasuu guutuu Oromiyaa keessatti raawwatan jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaatti loltoonni bilxiginnaa manneen hawaasaa irratti gubaatii raawwachuun himamee jira.
Ganda Beerree Tirtiraa jedhamu irraa Onkoloolessa 6, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Obbo Abbabuu Nagaraa,
- Obbo Tokkummaa Hundaalaa,
- Geetaachoo Dirribaa fi namootni maqaan isaanii hin eeramne 4 badii tokko malee sababa qabatamaa hin taaneen yakkamanii manni lama lama jalaa gubachuu jiraattotni gandichaa gabaasan.
Namoota manni isaanii jalaa gubate kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu fi hojii idilee isaanii qofa hojjetanii kan bulan ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

