Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Ammayyaatti loltoonni faashistii Bilxiginnaa miseensa maatii tokkoo guutuu ajjeesuun saamicha irratti raawwachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024 

Duula duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti labsuun akka baalaatti harcaasuu kan bare gareen nama nyaataan PP loltoota isaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaasuun gochoota suukkaneessoo adda addaa raawwataa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaatti loltoonni faashistii Bilxiginnaa miseensa maatii tokkoo guutuu ajjeesanii saamichas irratti raawwachuun ibsameera.

Aanaa Ammayyaa ganda Itayyaa Jaftii jedhamu irraa loltoonni gara laafina tokko illee ilmaan namootaaf hin qabne akkuma amala isaanii duraatti ajjeechaa itti fufuun Onkoloolessa 3, 2024 halkan keessaa sa’atii 4:00’tti miseensa maatii tokkoo guutuu kanneen maqaan isaanii: 

  1. Gulummaa Shallamaa abbaa manaa,
  2. Dammee Camadaa haadha manaa isaa ulfa kan taatee fi ijoollee isaanii:
  1. Mastaawot Gulummaa, 
  2. Asheetuu Gulummaa fi
  3. Biniyaam Gulummaa kanneen jedhaman bakka tokkotti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Kana malees loltoonni saamichaan jiraachuu baran kunneen guyyuma sana  Onkoloolessa 3, 2024 halkan keessaa sa’atii 4:00’tti sangaa qarshii 100,000 ol baasu rasaasaan dhahanii bataskaana Kidaane Miretii jedhamutti qalatanii yoo nyaatan, korbeessa reettii maatii sanaas fudhatanii deemuu jiraattonni kunneen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version