ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2024
Haleellaa xiyyaaraa Israa’el mana barumsaa giddugala Gaazaa keessatti buqqaatota irratti Kamisa Kaleessaa raawwatten dubartootaa fi daa’imman dabalatee yoo xiqqaate namoota 28 kan ajjeeste.
Waraanni Israa’el Kamisa Kaleessaa shororkeessitoota wiirtuu ajajaa fi to’annoo mana barumsaa keessatti “haleellaa sirrii” raawwachuu isaa ibseera.
“Kun fakkeenya dabalataa dhaabbati shororkeessummaa Hamaas bu’uuraalee misoomaa siiviilii seera idil-addunyaa cabsuun fayyadamuu isaati,” jedha ibsi waraanaa.
Gareen hidhattoota Falasxiin himannaa akkanaa ni haale. Ogeeyyiin fayyaa akka jedhanitti mana barumsichaa keessatti namoonni biroo 54 miidhamaniiru.
Kaaba Gaazaatti waraanni Israa’el haleellaa guyyoota jaha dura loltoota isaa gara kaampii baqattoota seena qabeessa Gaazaa saddeet keessaa isa guddaa ta’ee fi magaalota dhiyoo Beyit Hanuun fi Beyit Lahiyaatti erguun jalqabame hordofaa ture.
Qondaaltonni fayyaa Falasxiin akka jedhanitti hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 130 du’uu isaanii kan himan yoo ta’u, Israa’el hojiin kun Hamas akka hin gurmoofne ittisuuf kan kaayyeffatedha jechuun Rooyiters gabaaseera.

