Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO”n Zoonii Kaabaa godina Walloo Aanaa Jiille Dhummuuggaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ergamtoota murna bilxiginnaa farra uummata Oromoo ta’an Zoonii cufatti tarkaanfii keessa deebii hin qabne irratti fudhachuu jabeessee itti fufeera.

Haaluma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo Aanaa Jiille Dhummuuggaa ganda Yaatuu iddoo addaa buufata waraana maafiyaa PP kan ta’e Marar jedhamutti guyyaa har’aa Onkoloolessa 14, 2024 ganama sa’atii 4:00 irraa eegaluun lola humni furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa loltoota murna Bilxiginnaa irratti geggeesseen battalumatti 2 ajjeesuun 5 madoo cimaan adabeera.

Tarkaanfii rifaasisaa korommiiwwan Sanyii Warqituu Furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa loltoota Koloneel Abiyi Ahimed irratti fudhate kanaanis mooraa waraana faashistii PP iddoo Marar jedhamu keessaa guutumaan guutuutti gugsee keessaa yaasuun, yeroo ammaa gara ganda Luugoo jedhamutti baqattee achitti hawaasa nagaa dararaa jiraachuun ibsameera.

Lolli WBO’n Bilisummaa sabichaaf taasisu cimee itti fufa. ❗️

Injifannoon Uummata Oromoof ‼️

Exit mobile version