ONM-ABO Muddee 23, 2024
Abdiin saba cunqurfamaa gootichi waraana Bilisummaa Oromoo ergamtoota murna bilxiginnaa koloneel Abiyi Ahimediin durfamtu Oromiyaa bakkoota adda addaatti tarkaanfii irratti fudhachuun akka baala mukaatti harcaasaa jira.
Haaluma kanaanis Muddee 23, 2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa iddoo addaa Haroo jedhamuun beekamutti Humni Furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa fi Cibraan Hasan Gulee waliin ta’uun ganama har’aa sa’atii 4:00 irraa eegaluun lola jajjabduu ergamtoota maafiyaa PP waliin taasiseen humna diinaa irraa 9 ol ajjeesuun 16 madoo cimaan adabeera.
Tarkaanfii rifaasisaa diinaaf yaaddoo, firaaf ammoo abdii korommiiwwan sanyii Warqituu Humni Furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa fi Cibraan Hasan Gulee waloon fudhatan kanaanis humni faashistii PP madoo ishee ambulaansii 2’n hospitaala magaalaa Kamiseetti dabarsuun barameera.
Tarkaanfii WBO’n fudhatu jabaatee itti fufa ❗️
Bilisummaan dhiigaan ni dhufa ❗️
#Duula CichoominaKaayyoo
Itti Cabsii!
Injifannoon Uummata Oromoof ❗❗

