Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Itiyoophiyaatti Dhaabbata Itiyoo Telekoom keessatti malaammaltummaa fi hojimaanni Badaan Dagaaguu Fi Hawaasa Saamuu Itti Fufuun Dhagaa’ame

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024 

Odeeffannoo maamila guutuu qaama sadaffaaf kennuun balaa qaqqabsiisee jiraachuu fi tajaajila xiqqoon kaffaltii daangaa hin qabneen hawaasa saamaa jiraachuu akkasumas maallaqa dhaabbatichaa walitti qabachuun kan duroomanis hedduu akka ta’an ni himama.

Dhaabbanni Mootummaa Federaalaa Itiyoo Telekoom hojimaati badaan, saamichi fi malaammaltummaan keessatti dagaaguun kan beekame ogummaan hawaasa tajaajiluu kan malu faallaa isaa xiqeeffatee saamicha irrattis bobba’utu ibsame.

Dhaabbatichi rakkoolee keessoo bal’inaan mul’atan furuu osoo qabuu, ammas rakkoo daranuu babal’isaa fi harka lafa jalaan hawaasa saamaa jiraachuun ifoomeera.

Dhaabbilee hannaaf dhimma itti bahu hedduu isaanii dhoksaadhaan of jalatti hundeessee ummata irratti saamicha gaggeessaa jira.

Beeksisoota  dhugummaa hin qabne karaa toora ofiitiin irra deddeebiin dhiyeessuu nama gowwomsaa jiraachuunis namoota biratti komii kaasaa jira.

Kaffaltiin CRBT, Tele Win, Lottery, Promo, Calling CRBT fi kanneen biroonis hojii qulqullina isaa eeggatan akka hin taane fayyadamtootni ni dubbatu.

Maallaqni siistamni kuffise maamila irratti kaasaaraa hammaataa uumee Paakeejiin marsaa tokko bitame of duuba deebi’uun dhorkaadha jechuun maamiltoota kasaaraaf saaxialanii jirus jedhameera.

Tibbanas Itiyoo Telekoom yeroo uummanni qaala’iinsa jireenyaan qoramaa jiru kanatti uummataaf gatii tajaajilaa hir’isuu qaba jedhamee osoo eeggamuu faallaa sanii daballii dachaa oliin dabalee jiraachuu akkaataa maallaqa Bilxiginnaan uummata irraa ittiin saamu ta’ee jira. 

Sim Card haaraa Qarshii 15 ture qarshii 85’tti olguddisuun akkasumas Bittaan MB kamiyyuu dachaa oliin dabaluun wantoota tajaajilamtoota irraa gaaffii kaasaa jiranii dha.

Sagaleen  torbeetti qarshii 15 daqiiqaa 75 ture amma qarshii 22 daqiiqaa 80 ta’ee jira.

Haalli daballii tajaajila waliigalaa Itiyoo Telekoom taasise kun humna maamiltoota isaa xiyyeeffannoo keessa kan galche miti jechuun qeequ.

Haaluma kanaan bifa dhokataa fi mul’ataan ummata impaayerattii dinagdeen kufaa jiru kana Itiyoo Telekoom karaa bittaa sagalee, interneetii fi tajaajloota dhoksaan saamicha geggeessaa jiraachuu maamiltootni dubbataa jiru.

Exit mobile version