Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni garboomfataa PP Yuunivarsiitii Wallaggaa fi Jimmaatti kaabinoota Wallaggaa arfan irraa walitti qabuun waltajjii teessisaa jiru itti fufe 

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024 

Gareen yakkamtootaa bilxiginnaa Yuuniversitii Wallaggaa fi Jimmaa keessatti kaabinoota godinaalee Wallaggaa arfan fi kanneen biroo irraa funaanuun akkaataa itti siyaasa Bilxiginnaa itti fufsiisan leenjisaa jiraachuun himame.

Hirmaattonni leenjii irra jiranis abbaa gandaa irraa kaasee hanga qondaaltota sirnichaatti ta’uun kan himamu yoo ta’u, kaabinoonni leenji’aa jiran kunis hanga leenjiin xumuramutti gadi ba’uun dhorkaadha, achuma oolanii buluu fi bilbila harkaa isaaniinis quunnamtii akka hin taasisneef harkaa funaanamuun ifoomeera.

Kaayyoon waltajjii isaanii inni guddaa fi ol-aanaan akkaataa ittiin caasaa isaanii haarawwaa deebisanii gandoota baadiyyaatti gadi dhaabanii fi namoota hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabu jedhanii shakkanis ittiin dhabamsiisan akka ta’e keessa beektotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Bilxiginnaan akeeka uummata Oromoo ittiin dhabamsiisan baasuu guyyuu jabeessuun yeroo ammaas bifa adda ta’een hanga baadiyyaa Oromiyaatti uummata irratti saamicha, hidhaa, ajjeechaa fi dararaa adda addaa raawwachaa jiraachuun barameera.

Exit mobile version