Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni faashistii PP maqaa galma aadaa Oromoo godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doollootti ijaarra jedhuun saamicha eegaluun ibsame

ONM-ABO Hagayya 26, 2023

Murni bilxiginnaa yeroo lola Tigraay lakkuu hanga lubbuu, ijaarsa daandii fi Abbaayiif miindaa keessan parsantiin kutaa jechuun hojjettoota mootummaa fi uummata irraa maallaqa daguugee nyaachaa kan ture, tooftaa biraan saamicha geggeessuuf maqaa ijaarsa galma aadaa Oromoo jedhuun as ba’anii jiru.

Torbee kana keessa aanota godina Qellem Wallaggaa adda addaa keessatti murni faashistii PP karaa kaabinoota isaa ajandaa saamichaa ijaarsa galma aadaa Oromoo godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo keessatti ijaarra jedhuun miindaadhaa hanga maallaqa hawaasni kaffaluu qabu jedhan murteessuun itti himaa jiru.

Hojjetaan mootummaa miindaa baatii tokko parsantiin akka kaffalan kan mariisisan yoo ta’u, hawaasa gita adda addaa irra jiran, kanneen hojii fayyaa hojjetan waajjirri fayyaa, daldaltoota waajjirri daldalaa fi galiiwwanii akkasumas qonnaan bultoota ammoo kaabinootni gadi bu’anii akka mariisisan kan qooddatanii turan.

Warreen kilinika fayyaa qaban qarshii 10,000 fi isaa ol, akkasumas daldaltoota irraa qarshii 20,000 fi isaa ol itti murteessuun akka kaffalan dirqisiisanii jiru.

Maallaqa ijaarsa kanaaf barbaachisu jechuun kaabinootni aanaa waltajjii irratti dubbatan qarshii biliyoona 1.1 yoo ta’u, aanaaleef ammoo bara kana qarshii hanga miliyoona 50 itti ramadanii jiraachuun barameera.

Birraa fi bona darbe keessa maallaqa daandii ittiin hojjetan jechuun uummata baadiyyaa irraa magaalaa waa gurgurachuuf deemu irraa qarshii 200 kaasee hanga 100,000tti aanaa Anfillootti fuuchuun miliyoona 54 hojii qabatamaa tokko malee kan fixan caasaan bilxiginnaa, baatii 5 osoo hin guunne maallaqa ijaarsa galma aadaa Oromoo jechuun qarshii miliyoona 50 itti ramadanii ammas irraa guuruuf durqisiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version