Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Cirootti maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhuun jiraattonni ukkaamfamaa jiraachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2024 

Caas-maleeyyiin Bilxiginnaa dhaadannoo isaanii hawaasa nagaa magaalotaa fi gandoota baadiyyaa Oromiyaa keessa jiraatan kanneen Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabu jedhanii shakkan hundaa irratti saamicha, hidhaa, gubaatii manneenii fi ajjeechaa irratti raawwachuun hundeen gadi dhaabannaa hawaasa dhabsiisuun hiraarsuu irratti fuulleffatanii jiru.

Lixa Harargee aanaa Ciroottis sarbamiinsi mirgoota namoomaa fi diimokiraasii waraana garboomfataa PP’n hammaachuun hawaasni nagaan jumlaan hidhamaa kan jiru ogguu ta’u, araddaa Sheek Adam ganda Usmaan Muusaa fi ganda Torban irraa  Onkoloolessa 12, 2024 namoonni baay’inni isaanii 11 ta’an qabamanii achi buutee dhabamsiifamuun beekameera.

Namoonni manneen hidhaatti dararamaa jiran kunneenis maqaan isaanii:  

  1. Huseen Hasan Ibraahim, 
  2. Aammee Ibraahim, 
  3. Yaasiin Xaafaa, 
  4. Jamaal Abdallaa Bashir, 
  5. Jaabir Abdii, 
  6. Yuusufee Ibraahim Alii, 
  7. Caalee Yuusufee, 
  8. Mahaadii Ismaa’eel Ibraahim, 
  9. Ismaa’eel Ibraahim abbaaf ilma, 
  10. Ibraahim Muummee Hasan fi
  11. Ibsaa Abdallaa Sheekaa kanneen jedhamiidha.

Keessattuu hidhamtoota kanneen keessaa namoota baay’inni isaanii 7 ta’an Onkoloolessa 14, 2024 galgala haadaan harka isaanii dudduubatti hidhanii manneen hidhaa irraa akka baasan kan himamu yoo ta’u, haalli jireenya isaanii baay’ee yaaddessaa ta’uunis ifoomeera.

Akka Jiraattonni jedhanitti Jamaal Abdallaa Bashir reebicha ulfaataa qaama isaa irratti waraanni garboomfataan PP taasisaniin fincaan qabachuu kan hin dandeenye yommuu ta’u, Jaabir Abdii kan jedhamu ammoo dhibee sammuun qabamee osoo hiraarfamuu waraanni gara jabeeyyiin Bilxiginnaa kunneen qabanii akka rakkisaa jiran beekameera.

Exit mobile version