ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2024
Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf jecha hawaasa nagaa maqaa seelii waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun waggoottan dheeraaf manneen hidhaatti dararaa ulfaataa irratti taasisaa kan jiran lukkeeleen Bilxiginnaa, hanga har’aatti mana murtiitti osoo hin dhiyeessin namoota hiraarsuu irratti argamu.
Akka Jiraattonni godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa bulchiinsa magaalaa Qaaqee irraa dubbisne himanitti, erga Waraanni Bilisummaa Oromoo bulchiinsa magaalaa Qaaqee irratti tarkaanfii fudhachuun guutummaatti magaalaa keessaa diina baasee as, Bilxiginnaan turtii guyyoota muraasaa booda magaalichatti deebi’uun jumlaan hawaasa nagaa hidhaan hiraarsuu irratti fuulleffatanii dararaa raawwachuu jabeessaniiru.
Namoonni waggootaa oliif mana hiraarsaa keessatti argaman muraasni maqaan isaanii nu ga’e:
- Sulxaan Abarraa,
- Ittaanaa Tasfaa,
- Girmaa Fidaa,
- Hundumaa Horaa,
- Faqqadaa Baqqalaa yoo ta’an,
namootni kunneen jireenya dhuunfaa isaanii irraa erga qabamanii hanga har’aatti gaaffii seeraa tokko malee dararamaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.
Kana malees Kaabineen Bilxiginnaa maqaa WBO’dhaaf uffata bittan jedhuun namoota maqaan isaanii: Dirribaa Hambaa fi Taammiraat Kifilee jedhaman ji’a Waxabajjii keessa qabuun bulchiinsa magaalaa Qaaqeetti hidhaanii akka jiran ifoomeera.

