Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa keessatti hidhaan jabaatee jiraachuun dhaga’aame

ONM-ABO Amajjii 16, 2024

Impaayera Itoophiyaa keessatti ilmaan Oromoo yeroo ammaa nagaan ba’aanii galuun itti ulfaachuun, gochi koloneel Abiy Ahimed jiraattota irratti waraana labsuun geggeessaa jiru kun yaaddoo jireenyaa itti ta’ee jiraachuu kan himan, uummatni bal’aan bakka deemu hundaattii waraana sirna PPn adamfamaa akka jirus dubbatu

Haaluma kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa ganda Karra Janoo jedhamu keesaatti Amajjii 13, 2024 waraanni magaalaa Qaaqee irraa sochii taasisuun hawaasa bal’aa oomisha midhaanitti ba’ee jirutti dhukaasa banuun namoota hedduu irratti reebichaa fi saamicha erga geggeessaniin booda gariin qabuun yeroo ammaa hidhanii akka jirantu himama

Jiraattotni ganda Karra Janoo irraa qabamuun yeroo ammaa mana hidhaa magaalaa Qaaqee Keessa jiran danuu akka ta’aan Kan beekame yoo ta’u,muraasni ammaaf maqaan nu bira ga’e Habtaamuu Biraanuu,Sulxaan Abarraa fi Lalisaa Waaqjiraa dabalatee namoota hedduun hiraarfamaa jiraachuu jiraattotni ONMtti himaniiru.

Exit mobile version