Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa keessatti hidhamtoonni siyaasaa mana hidhaa keessatti baatiileef dararamaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Caamsaa 24, 2024

Waraanni fi kaadiroonni sirnichaa uummata Oromoo araddaa keessatti dhalatanii baroota dheeraaf jireenya isaanii geggeeffachaa turan keessatti yakka siyaasaa isaan hin qabneen yakkuun murtii seeraa tokko malee manneen hidhaa galchanii baatiilee fi waggootaaf hiraarsaa jiru.

Akka kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa keessatti  hidhamtoonni siyaasaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin quunnamtii qabdu jedhuun yakkamuun yeroo dheeraaaf hidhamanii jiran danuu akka ta’an jiraattonni dubbatu. 

Namoonni manneen hidhaa ganda 01 keessatti hidhamanii jiran baay’inni isaanii 100 ol akka ta’us kan himamu yoo ta’u, maqaan namoota muraasaa nu ga’es: Fiqiruu Amaluu Maammoo Amajji 8, 2024 kan to’atame, Caalii Magarsaa Lataa  hojjetaa eegumsa buufata fayyaa Qaaqee, Guraandhala 1, 2024 kan qabame, Ittaanaa Tasfaa Fiixee Amajji 24, 2024 akka qabameetu himama. 

Bara 2023 keessa kan qabame Taarikuu kan jedhamu ammoo erga qabamee hidhamee waggaa guutuuf deemaa akka jirus dabaluun himan.

Namoonni gochaa hammeenyaa gara jabummaan hawaasa irratti raawwachaa jiran   bulchaa aanaa Obbo Taarikuu Kibabuu fi itti gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa Qabbannaa ta’uu fi jarreen kanaan guyyuu namootni manneen hidhaatti guuramaa akka jiranis beekameera.

Exit mobile version