Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa keessatti hidhaan jumlaa jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 25, 2024 

Namoota nagaa hidhaan gidirsuun rakkoo fi lola impaayerattii mudateef akka waaan furmaata fiduutti dhimma kan itti bahan tiksitoonni impaayerattii ilaa fi ilaameen gurra uummatatti qabanii dhaggeeffachuu irra abbaa irrummaa isaanii itti jabeessuun hawaasa dararaa jiru.

Aanaa Haaruu ganda Duuchii jedhamu keessaa waraanni maafiyaan Bilxiginnaa jiraattota maqaa adda addaan yakkuudhaan adamsee hidhuu hanga ajjeesuutti hiraarsaa kan jiru yoo ta’u, namoota maqaan isaanii:

  1. Dilee Fiqaaduu,
  2. Hawwii Girmaa,
  3. Taaddalee Sambatoo fi
  4. Boontuu Sambatoo jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akkuma aanichaatti loltoonni PP ilmaan Oromoo sobaan yakkuudhaan dararaa hamaa irratti raawwachuu cimsanii itti fufuun, addatti immoo dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hiraarsaa hammeessanii jiraachuun itti dabaluun ibsamee jira.

Ittuma fufuun gareen olaantummaa saba tokkoo mul’isuuf aadaa, amantii fi biyya tokko taasisuun cunqursee bulchuuf ijjibaata gochaa jiru humni badii Bilxiginnaa duula maatii qabsaa’otaa ukkaamsuun hidhuu cimsee itti fufeera.

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa bulchiinsa magaalaa Qaaqeetti abbootii warraa 42 olii fi hawwan hedduun maqaa ilmaan keessan miseensa WBO’tiin hidhamanii torban tokkoo oliif kutaa haalaan dhiphootti gatamuun doorsisni ulfaataan irratti raawwachuun ibsameera. 

Hidhamtoonni kunneen dhukkuboota daddarboof saaxilamaa kan jiran ogguu ta’u, nyaanni dhorkatamuu, maatii fi firoottan deemanii dubbisuus kan hin dandeenye ta’uus himuun, gidirfamni manneen hidhaa keessatti irra ga’aa jirus haalaan kan isaan yaaddeessaa jiru akka ta’es maddeen itti siqeenyaan hordofaa jiran yaada isaanii ONM’f qoodaniiru.

Akka maddeen gamasii ONM’f yaada isaanii hiran nuuf himanitti, hanga ilmaan keessan dirree jiran galchitanitti goonkumaa manneen hidhaa keessaa hin baatan jechuun sodaachisaa akka jiran ibsuun, achi keessattis miidhaan irra ga’aa akka jiru himaniiru.

Exit mobile version