ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024
Dhaabbanni ittisa siiviilii Gaazaa Sanbata dheengaddaa akka jedhetti torban lamaan darban keessa haleellaa waraanaa Israa’el hidhattoonni Hamas akka hin gurmoofne dhorkuuf kaayyeffate ta’uu dubbatteen lammiileen Falasxiin 400 ol kaaba naannoo sanaa keessatti ajjeefamaniiru.
Waraanni Israa’el Onkoloolessa 6 haleellaa qilleensaa fi lafa irraa kaaba Gaazaa irratti xiyyeeffatee ture. Ergasii marfama isaanii cimsuun namoota kuma kudhaniin lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa akka buqqa’an taasisaniiru.
”Jabaliyaa fi mooraa ishee, Beit Lahiyaa fi Beit Hanga dabalatee naannoolee adda addaa kaaba Gaazaa keessatti xiyyeeffataman irraa wareegamtoota 400 ol deebifnee jirra jechuun dubbi himaan dhaabbata ittisa siiviilii Gaazaa, Mahmud Baasal AFPtti himaniiru.
Baasal akka jedhanitti, hanga Jimaataatti lakkoofsi namoota tarkaanfii Israa’el kanaan du’anii 386 ture.
”Kana malees ajjeechaa Jabaliyaatti raawwatameen wareegamtoota 33 qabna turre. Egaa, walumaa galatti amma wareegamtoota 400 ol kaaba Gaazaa keessatti ta’eera,” jechuun haleellaa qilleensaa Israa’el Jimaata hanga Sanbata halkan mooraa baqattootaa Jabaliyaa irratti raawwatte eeruun ibsan.
Waxabajjii 6 waraanni Israa’el Jabaliiyaa irratti haleellaa cimaa kan raawwate yoo ta’u, boodarra Hamaas naannoo sanatti irra deebi’ee gurmaa’aa jira jedhamee himamaa jiruun naannoolee kaaba Gaazaa birootti babal’ateera.
“Naannoo Jabaliyaatti loltoonni IDF wal-qunnamtii dhiyoo fi haleellaa IAF (humna qilleensaa) irratti shororkeessitoota hedduu dhabamsiisan,” jechuun waraanni biyyattii Sanbata darbe ibsa kenneen beeksiseera.
Waraanni Israa’el duula kaaba Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiru ittisuun, humnoonni isaa “shororkeessitoota naannoo siiviilii keessatti maxxanan” irratti xiyyeeffachaa akka jiran ibsuun, Hamaas jiraattonni akka hin baqanne dhorkeera jechuun himachuun AFPn gabaaseera.

