Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaatti hawaasni nagaan maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun hidhattoota sirnichaan hidhamaa fi reebamaa jiraachuun barame

ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2024 

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti dhabbanni mirgoota namoomaa fi heerri barraa’e osoo waa’ee kabaja mirgoota namoomaa ibsanii sun kabajamuun hafee  hawaasni nagaan maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhamuun waraana faashistii Abiy Ahimediin qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa yakka tokko malee ukkaamfamuun hidhamuu, ajjeefamuu, saamamuu, manneen irratti gubachuu fi reebamuun gidiraa hamtuu keessummeessaa oolu.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa keessatti Onkoloolessa 16, 2024 Poolisoonni fi milishoonni sirnichaa waliin ta’uun namoota nagaa maqaa hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun reebuun hidhaniiru.

Namoonni Onkoloolessa 16, 2024 hidhattoota murna bilxiginnaan magaalaa Booraa irraa qabaman kunneenis haadha ijoollee 5 kan taate Xummee Tukkaa kan jedhamtuu fi Faaxumaa Aliyyii Yaasin haadha daa’ima tokkoo kan taate sobaan yakkanii maqaa hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun osoo daa’imman isaanii boo’anii daa’imman qofaatti hambisuun haadholii kana irraa qabanii waajjira poolisii magaalichaa keessatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni magaalaa Booraa ONM”tti himaniiru.

Oduu hidhaan wal qabatuun magaalama Booraa keessaa Onkoloolessa 16, 2024 milishoonni sirnichaa jiraataa aanaa Daawaa Caffaa ganda Hijirootaa kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Mahaammad Adam Salaam jedhamu fuulli kee nuuf haaraadha eessaa dhufte? ittiin jechuun reebicha cimaa ta’e irraan ga’anii waajjira poolisii magaalaa Booraatti hidhanii dararaa akka jiran ibsameera.

Akka hiriyaan dargaggoo Mahaammad dubbisne tokko ibsutti, dargaggoon Mahaammad firoottan isaa aanaa Dawwee Harawaa ganda Ciisagirjoo jedhamu jiran ilaalee galaa kan jiru ta’uu isaa himuun, milishoonni sirnichaa waan qabduu fi gadi dhiiftu wallaaltee akka saree maraattee oliif gadi naanna’uun namoota nagaa hiraarsaa ooltu kun maqaa fuulli kee nuuf haaraadha jedhuun dargaggoo kana qabanii waraqaa eenyummaa gaafachuun yeroo inni baasee itti laatutti, waraqaa eenyummaa qabaattus nu waan si qorannu qabna jechuun reebanii waajjira poolisiitti hidhuun gidirsaa akka jiran itti dabaluun ibseera.

Exit mobile version