Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti sababa Wal dhabdee fi balaa uumamaan namoonni miliyoona 7 buqqa’an

ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2024 

Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti waldhabdee fi balaa itti fufee jiruun namoonni gara miliyoona 7 ta’an biyya keessaa buqqa’anii akka hafan ejensiin godaansaa  Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera.

Gabaasni ilaalcha waliigalaa buqqa’iinsa keessoo Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM) Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka beeksisetti, DR Koongoo keessatti ji’a Waxabajjii hanga Hagayya gidduutti namoonni miiliyoona 6.9 buqqa’aniiru.

Bulchiinsa baha biyyattii keessatti, waldhabdeen hidhannoo fi nageenya dhabuun yeroo dheeraaf buqqa’iinsa guddaa naannicha mudatu kan jalqabaa ta’ee ture,” jechuun IOM gabaasa X irratti baaseen ibseera.

Gabaasni kun akka beeksisetti, buqqaatonni biyya keessaa %87 sababa walitti bu’iinsaatiin kan miidhaman yoo ta’u, buqqaatonni %13 ammoo sababa balaa uumamaatiin ta’uu ibseera.

Gareen finciltootaa hedduun baha DR Koongoo keessatti kan socho’an yoo ta’u, waldhabdeen waggoota dheeraaf itti fufee kan turee fi dhiheenya kana humnoota  Koongoo fi finciltoota M23 gidduutti walitti bu’iinsi haaromfamee jira. 

Akka gabaasaaleen mul’isutti bara 1996 irraa eegalee DR Koongoo keessatti waldhabdee uumameen namoonni gara miliyoona 6 ta’an ajjeefamaniiru jechuun Arabs news gabaaseera.

Exit mobile version