ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024
Murni garboomfataa PP afaaniin nagaa dubbachaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii labsuun loltoota isaa bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisaa kan jiru yoo ta’u, kutaalee Oromiyaa cufa keessaa jiraattota adamsee qabuun hidhaatti guuraa, saamaa, ajjeesaa, qe’ee fi qabeenya irraa buqqisaa jiraachuun ni beekama.
Bifuma wal fakkaatuun godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa ganda Itayyaa Jaftii jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa obbo Amdiisaa Jamaal jedhamu Onkoloolessa 18, 2024 rasaasa itti roobsuun ajjeesanii erga gataniin booda, horii 12 mana isaatii saamanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattotni himanitti, Obbo Amdiisaan hirmaannaa siyaasaa tokkollee kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaa qofa irratti kan bobba’u ta’us, maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkanii ajjeesuun booda immoo maatiin isaa illee hiyyuummaaf akka saaxilamaniif saamanii deemuu dubbataniiru.

