ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024
Kaadhimamaa pirezidaantummaa paartii biyya bulchaa jiruu Mozaambiik kan ta’e Daani’eel Chaapoo, Kamisa kaleessaa filannoo Onkoloolessa 9 gaggeeffame irratti Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa biyyattii (CNE)n mo’ataa ta’uun labsame.
Chaapoon namni ganna 47, pirezidaantii amma aangoo irra jiran Filipe Niyusii kan aangoo heera mootummaa marsaa lamaaf qaban xumuran bakka bu’u.
Chaapoon sagalee %71 argachuun injifate.
Filannoon kun dhuma torban darbee mormitoota paartii Podemos lama ajjeefamuu dabalatee jeequmsaan kan manca’e ture.
Abukaatoon Mondilan Elvino Diyas fi qondaalli paartii Podemos kan ta’e Phaawulos Guwambe Dilbata magaalaa guddoo Maputo keessatti namoonni qawwee qaban konkolaataa isaanii irratti haleellaa raawwataniin rasaasaan ajjeefamaniiru jedhan jechuun Rooters gabaaseera.

