ONM-ABO Sadaasa 9, 2024
Jeequmsa filannoo booda Mozaambiik keessatti mudateen lakkoofsi namoota du’anii 27’tti ol guddachuu isaa qondaaltonni hospitaalaa Jimaata kaleessaa mirkaneessaniiru.
Erga Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa bu’aa filannoo kaadhimamaan Adda Bilisummaa Mozaambiik kan biyya bulchaa jiru Daani’eel Chaapoo sagalee %70 fi kaadhimamaan mormituu Venankiyo Mondilane %20 argachuun mo’ataa ta’uu isaanii erga labsee booda, mormiin jeequmsaa magaalota gurguddoo guutuu biyyattii keessatti mul’ateera.
Mondilane bu’aa filannoo mormuun Onkoloolessa 31 hanga Sadaasa 7’tti lagannaa waliigalaa torban tokkoof akka gaggeeffamu waamicha dhiyeessaniiru.
Hiriirtonni dhibbaan lakkaa’aman Kamisa darbe daandii Maapuutoo fi kutaalee biyyattii biroo irratti ba’uun waamicha mormii ummataa akka gaggeeffamu taasiseef deebii kennaniiru.
Poolisiin deebii kan kenne konkolaattota hidhannoo bobbaasuu fi gaazii imimmaanessu fayyadamuun namoota walitti qabaman bittimsuun, hiriirtoonni sadii rasaasaan rukutamuun boodarra hospitaala rifaralaa keessatti du’uun isaanii himameera jedhu qondaaltonni hospitaalichaa.
Kanaan dura dhaabbileen mirga namoomaa hookkara filannoo booda mudateen hanga ammaatti lubbuu namoota 24 galaafachuu isaa gabaasaniiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.
.

