ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024
Naannoo kibba baha Iraan yeroo dheeraaf jeequmsaan rakkachaa ture keessatti “haleellaan shororkeessummaa” yoo xiqqaate namoota 10 ajjeesuu miidiyaaleen biyya keessaa Sanbata kaleessaa gabaasan.
Haleellaa “konkolaataa poolisii irratti” kutaa Taftan keessatti raawwatameen kan ajjeefaman ta’uu dhaabbileen oduu Mehir fi Tasnim gabaasan. Haleellaan kun akkamitti akka raawwatame garuu hin ibsine.
Taateen kun yeroo itti haleellaa qilleensaa Israa’el kaleessuma ganama Iraan irratti raawwateen loltoonni lama ajjeefamuu isaanii dhaabbati oduu biyyyatti IRNA’n gabaaseen booda.
Ogeeyyiin waraanaa akka jedhanitti haleellaan Israa’el halkan tokkotti Iraan irratti raawwatte deebii shallagamee fi to’atame kan dandeettii waraanaa Israa’el agarsiisuuf kan qophaa’e yoo ta’u, Baha Giddu Galeessaa jijjiirama guddaa keessa jiru keessatti hammachuu guddaa akka hin uumamne kan agarsiisuudha jedhan.
Haleellaan sirrii ta’e kun dhaabbilee oomisha misaa’elaa fi sirna ittisa qilleensaa guutuu Iraan irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, erga waraana Iraan fi Iraaq booda haleellaa guddaa biyya alaatiin dachee Iraan irratti raawwatame isa jalqabaa ta’us itti yaadanii bal’inni isaa daangeffameera jedhu xiinxaltoonni jechuun AFP fi Al Arabiyaan gabaasaniiru.

