ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2023
Gaazexeessaa Yasser Abu Namous fi haati isaa namoota 10 haleellaa qilleensaa humnoota Israa’el har’atti bari’uun dura kibba Gaazaa keessatti raawwataniin ajjeefaman keessaa tokko ta’uu dhaabbati oduu Falasxiin WAFA gabaaseera.
Namous fi haati isaa manni isaanii Khan Younis irraa gara dhihaatti kan argamu yoo ta’u, misaa’ela Israa’eliin rukutamuun du’an jedhan gabaasni kun.
Duuti isaa Onkoloolessa 7 irraa eegalee hojjettoota miidiyaa Gaazaatti ajjeefaman 23 geessiseera.
Israa’el baha Khan Younis naannoo Ma’an jedhamutti maatii Abu Shahma irrattis haleellaa addaa banuun namoonni shan du’anii namoonni hedduun madaa’aniiru.
Gama biraatiin xiyyaaronni waraanaa Israa’el maatii Alamii daandii al-Mashrou, kan baha Khan Younis irratti argamu irrattis boombii darbachuun lubbuu namoota lamaa fi namoonni hedduun madaa’aniiru.
Haleellaan qilleensaa afraffaan mana maatii Mohsen daandii Old Crescent Street naannoo al-Amal, dhiha Khan Younis jedhamu irratti raawwateenis namni tokko yoo du’u namoota hedduu madeesseera.
Weerara yeroo dhiyootti barii dura humnoota Israa’el West Baankii keessatti raawwataniin booda namoonni afur ajjeefamuun barameera.
Namoota ajjeefaman keessaa lama naannoo mooraa baqattootaa magaalaa kaaba Jenin keessatti akka argaman maddeen Al Jazeeraaf himan.
Ramaallah irraa gabaasaa Aljazeeraaf gabaasaa kan jirtu Nidaa Ibraahim akka jettetti namootni lamaan bakka Jenin jedhamu keessatti ajjeefaman keessaa tokko loltuu garee hidhatee jiru keessaa ta’uu ibsite.
Dhaabbanni oduu Falaasxiin WAFA jedhamus akka gabaasetti, kaaba West Baankii magaalaa Qalqilya keessatti namoonni lama ajjeefamuu ibsuun, lakkoofsa namoota West Baankii keessatti ajjeefaman 110 ga’uu dubbataniiru.
Haleellaan humni qilleensaa Israa’el bulchiinsa Gaazaa keessatti raawwataa jiruun cinatti haleellaan halkan kaleessaa dhaga’aame namoota dubbachiisaa jira.
Haleellaan Ameerikaan halkan kaleessaa bakka kuusaa meeshaa waraanaa rasaasaa gareewwan Eegdota Warraaqsa Iraan fi gareewwan Iraan deggaran itti fayyadaman Siriyaa keessatti rukutuu qondaaltonni olaanoo Ameerikaa dhaabbata oduu Rooyitarsiif himaniiru.
Haleellaa kanaan lammiileen Iraan ajjeefamuu fi dhiisuu isaanii ifa akka hin taane ibsuun, jalqabbiin kun naannoo baha Gidduu Galeessaa kana garamitti akka geessu yaaddessuu miidiyaaleen gabaasaa kan jiran yoo ta’u, tarkaanfiin kun haleellaa Israa’el Hamaas irratti raawwachaa jirtuun addatti hin ilaalamu kan jedhanis hedduu ta’uun gabaafamaa jira.

