ONM-ABO Onkoloolessa 29, 2024
Bilxiginnaan guyyaa guyyaan maqaa leenjii adda addaan kaabinoota hunda walitti qabuun haala ittiin hawaasa Oromoo lafa irraa duguuganii fixan irratti geggeessaa kan oolu yoo ta’u, yeroo ammaas tooftaa ittiin teessoo isaa jabeeffatuuf guutummaa Oromiyaatti leenjii kennaa jiraachuun saaxilamee jira.
Leenjiin Kaabinee hooggansa PP caasaa gandaatti ramadamanii fi aanaa akka guutuu Oromiyaatti kennamaa jiru mata duree tokko jalatti mata dureewwan sagal uummata burjaajessan kan of jalatti qabatee jiru guyyoota 10’f leenjiirra kan jiran ta’uu fi maqaa sobaa itti moggaasuun “Humna Abjuu Guddina Amansiisaaf” kan jedhuun qabxiilee burjaajessoo fi qabatamaa hin taane kan akka:
- Abjuu sirrii fi abjuu sirrii hin taane mul’ata fuulduraaf,
- Seenaa, seenessa qeenxee fi seenessa Waloo
- Ammayyummaa siyaasaa amansiisaa itti gaafatamummaa diimokiraasii fi kanneen biroo ja’a ta’an waliigalatti leenjichi “riifoormii fooyya’iinsa” jedhuun leenjii kennaa jiraachuu icciitiin keessoo isaaniitii ba’e ni mul’isa.
Itti dabaluun, “tarsiimoo fi waan hunda irratti jijjiirraa goonee Libiraaliizimii, Niwoo Libiraaliizimii, Sooshaaliizimii, Kaapitalizimii fi waan hunda irraa waan nuuf ta’u fudhannee kaan gatuun Rifoormii Pragimatism yookan hunda galeessa daandii ida’amuu fudhannee ittiin of ijaarra” maqaa jedhuun leenjii siyaasaa impaayerattii kufuu geesse deebisanii suphuuf ilmaan Oromoo garmalee dararuun akkaataa itti teessoo isaanii jabeeffatan irratti leenjii kennaa jiraachuu itti dabaluun keessa beektonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

