Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamtoonni bilxiginnaa magaalaa Hoolotaa keessaa bifa haarawwaan uummata saamuuf karoorsanii jiraachuun ibsame

ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2024 

Magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa hundatti bilxiginnaan karoora dinagdee Oromoo lamsheessu baasuun dinagdee sabichaa quucarsuuf ifaajaa kan jiru yeroo ammaa kana immoo haala duraan barameen olitti hawaasa saamuuf karoorsanii kan jiran yoo ta’u, ergamtoonni bilxiginnaa magaalaa Hoolotaa keessaa bifa haarawwaan uummata saamuuf karoorsanii jiraachuun ibsamee jira.

Ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa dararuu malee hojii idilee biroo hin qabne akkuma amala isaanii duraatti dararaa hammeessuuf magaalaa Hoolotaa keessatti “hojii torbee lamaa” maqaa jedhuun gandoota 8 magaalittiin qabdutti qarshii miliyoona shantama (50,000,000) gadi buusuun dinagdee impaayerattii fi kan ofii isaanii suphuuf qaama isaanii olii irraa ajaja fudhachuu isaanii icciitiin keessoo isaaniitii miliqee ba’e ni mul’isa.

Qarshii hanga kana uummata saamuuf karoorsanii kan jiran ergamtoonni bilxiginnaa gama isaaniif danda’ame maraan ilmaan Oromoo dararuuf baala raafuutii hanga sangaatti qaraxuu fi karaa seer-malee ta’een uummata saamuuf qophaa’uu isaanii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Exit mobile version