ONM-ABO Amajjii 26, 2025
Tattaaffii ilmi namaa waldhaansoo jireenya addunyaa kanaa moo’achuuf taasisu keessatti qormaanni hedduunis guyyaa guyyaan isa mudachaa kan oolu ta’uun ni beekama.
Konkolaachisaan sodaa nageenyaaf maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf akka gabaasetti, Amajjii 15, 2025 Lixa Oromiyaa irraa dhagaa cilee fe’ee gara handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee osoo deemaa jiruu magaalaa Hoolotaa bakka konkolaattonni meeshaa gurguddaa fe’an itti madaalaman ga’ee yeroo dheeraaf dhaabbatee, hoggaa nama isa keessummeessu dhabee deemu ergamtoonni sirnichaa saamichaaf bakkichatti bobbaafaman yeroo isaaniif mijatetti itti ba’uun, seeraan ala keellaa cabsitee dabarte jechuun afaan qawwee itti qabanii dhaabsisuun hidhaatti darbatanii dararaa erga turanii, guyyaa 9 booda Amajjii 24, 2025 qarshii 110,000 (kuma dhibba tokkoo fi kudhan) irraa fudhatanii gadi lakkisuu dubbata.
Konkolaachisaan kunis, jiruu fi jireenya isaa geggeeffachuuf ogummaa kanaan konkolaataa nama biroo konkolaachisuun kan of jireessuu fi innis qarshii humnaa olii gaafatame kana waan kaffalee ba’u hoggaa dhabu hiriyoonnii fi namoonni isatti dhihaatan wal ta’uun bifa liqiitiin qarshii kana kennaniifii kaffalachuun ba’ee akka jiru Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Magaalaa Hoolotaa keessatti saamichi konkolaachistoota irratti raawwatu kun jabaatee ittuma fufuu kan hime konkolaachisaan kun, kaffaltiin armaan dura konkolaataan tokko midhaanis ta’e, dhagaa cilee fe’uun kaaffaltii seeraa qarshii 200 naga’een kaffalanii darbaa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa kana ammoo kufaatii dinagdee hamaa impaayerattii mudate sababeeffachuun kun hundi hafee harka wayyaa jalaan kaffaltii seeraan alaa naga’ee hin qabne qarshii 4,000 fi isaa ol fudhachuun dabarsaa kan jiran ta’uun dabalataan eeramee jira.
Konkolaachisaa kan biroo Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko itti dabaluun akka himetti, magaalaa Hoolotaa keessatti dararaan konkolaachistoota sabaan ilmaan Oromoo irra ga’aa jiru akka malee ulfaataa ta’uu himuun, hiraarfamni kunis sababa Oromummaa qofa ilaalcha siyaasaan yakkamanii irratti raawwatamaa kan jiruu fi isaanis afaan Amaariffaa dubbachuu kan hin dandeenye yoo ta’e gaaffii seeraa tokko malee waggaa tokkoo fi isaa ol hidhamanii dararamaa kan jiran ta’uu hima.

