Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee Aanaa Kombolchaa keessatti namoonni humnaan qabamanii gara mooraa leenjii waraanaatti geeffamaa jiraachuun barame

ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2024 

Sirni alagaa uummata Oromoo irratti hacuuccaa jabeessuun kan kaleessaa caalaatti dirqamaan bitee bulchuuf tooftaalee adda addaa kanneen akka  afaan qawwee itti qabee dirqiin buluu qabda jechuun hidhaa, saamichaa fi gubaatii manneen hawaasaa raawwachuu yoo ta’u, kana milkeessuuf ammoo  humna waraanaa isaa jabeessuuf humnaan dargaggoota qabee mooraa leenjiitti guuruu fi achii baasees sarbamiinsa mirgoota namoomaa ittiin raawwachaa jira.

Haaluma kanaan godina Baha Harargee aanaa Kombolchaa baadiyyaa aanichaa maratti waraanni fi kaabinoonni sirnichaa gandootatti bobba’uun Onkololessa 28, 2024 irraa kaasuun dargaggoota ol adeemoo irraa hanga maanguddootaatti dirqamaan funaanaa kan jiran yoo ta’u, namni fedhiin dhaqus ta’e dirqiinis baqatee harkaa yaa’ee fala waan dhabaniif, aanaan Konbolchaa araddaa 26 waan qabduuf araddaa tokkotti namoota 36 fidaa jechuun abbootii araddaa sardaa jiraachuu maddeen keenya gamasii ONM’f eeran.

Murni garboonfataan abbaa irree kun irra deddeebiin uummata aanaa Kombolchaa hiraarsaa kan jiru yoo ta’u, baatii tokkoon duras maqaa caasaa gandaa  haaraa ijaarra jedhuun nama tokko irraa qarshii kuma lamaa ol isaa fuuchaa turuun kan yaadatamuu dha.

Exit mobile version