ONM-ABO Onkoloolessa 29, 2024
Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa garee faashistii koloneel Abiy Ahimediin daangaa ce’anii dhufuun uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun saamanii mana irratti gubuu, ajjeesuu, ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulqanii gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Kaaba Shaggar aanaa Dharraatti ammas ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkaneessoo adda addaa raawwatanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Dharraa ganda Jiruu Daadaa bakka addaa Daadaa jedhamu irraa Onkoloolessa 17, 2024 finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman kunneen namoota maqaan isaanii:
- Obbo Ayyalee Kabbabuu,
- Obbo Jimaa Sambatoo,
- Taaddasaa Joobir,
- Borjaa Dabalee,
- Dammaqee Dabalee,
- Abajjee Adaal,
- Zagayyee Adaalii fi kanneen baqachuu hin dandeenye maanguddoota, dhukkubsattoota, daa’imman, dubartoota ulfaa fi kanneen deemuu hin dandeenye biroo hedduu ajjeesanii sokkuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Gochoota suukkaneessoo ilmaan Oromoo irratti raawwatan cimsanii itti fufuun guyyuma kana maanguddoo Obbo Ayyalee Kabbabuu jedhamu immoo haala suukkaneessaa ta’een erga ajjeesanii booda reeffa isaa ibiddaan gubanii deemuu jiraattonni gandichaa dabaluun addeessanii jiru.

