Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Ganjiitti jiraattota ukkaamsanii gara leenjii waraanaatti guuruun cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 3, 2024 

Humnaan nyaataniif humna  hin ta’u” akkuma Oromoon jedhee mammaaku murni bilxiginnaa kufaatii isaa gaafa of irratti baru akka waan kufaatii irraa baraaramuu akkuma mootummaa Dargii sanatti “naaf lolaa kufaatii na oolchaa” jechuun uummata nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin kutaalee Oromiyaa cufa keessaa humnaan  qabuun gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Ganjiitti dargaggoota ukkaamsanii  gara leenjii waraanaatti guuruun cimee itti fufee kan jiru yoo ta’u, ganda Busaanoo Qaawisoo jedhamu keessaa Onkoloolessa 28, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Dassaaleny Kumarraa,
  2. Galataa Imaanaa,
  3. Kennasaa Kidaanuu jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an waraanni sirnichaa halkan toora sa’a 5:00’tti mana isaanii cabsanii seenuun ukkaamsanii gara mooraa leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu jiraataan gandichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira. 

Akka jiraataan kun jedhetti, yeroo ammaa kana hawaasni ba’ee galuuf illee yaaddoo guddaa keessa kan jiru ta’uu fi dabalataan ammoo yakkoonni gara jabinaa ergamtoonni bilxiginnaa kunneen guyyaa guyyaan naannichatti raawwatanis daran jabaatee jiraachuu dubbateera.

Exit mobile version