Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Naannoo Beenishaangul Gumuz bulchiinsa Magaalaa Asoosaa irraa ilmaan Oromoo jumlaan guuramuun godinoota Oromiyaatti deebifamaa jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Sadaasa 1, 2024 

Oromiyaa keessatti erga lubbuun dhala namaa hanga kan bineensota bosonaa hanqachuun dargaggoonni guyyuu shiftoota Abiy Ahimediin hidhamuu, ajjeefamuu fi dirqiin mooraa waraanaa sirna gabroomfataa PP’tti guuramuu qabanii kaasee namoonni hedduun lubbuu isaanii olfachuuf naannoolee ollaattii godaanuun jiraatu.

Haa ta’u malee sirni Bilxiginnaa gara jabummaan isaan Oromiyaa keessatti taasisan garaa isaan ga’uu hanqannaan ilmaan Oromoo naannoo birootti godaanuun lubbuu oolfachuuf jiraatan mootummaa naannoolee biroo waliin ta’uun gara Oromiyaatti deebisuu jabeessaniiru.

Namoonni humnoota waraanaan qabamuun Oromiyaatti deebifamaa jiranis miidhaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa itti jabaachuun torban darbe irraa qabee naannoo Beenishaangul Gumuz bulchiinsa magaalaa Asoosaa fi Baambasii keessaa namoonni baay’inni isaanii 50 ol ta’an ukkaamfamuun bifa haaraan godinoota Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaatti deebifamaa jiraachuun ibsameera. 

Keessattuu onoota akka Begii, Qondaala, Mana Sibuu, Qilxuu Kaarraa, Lataa Sibuu, Najjoo, Jaarsoo, Baabboo Gambeelii fi Gidaamiitti geeffamuun kan himamu yoo ta’u, irra caalaatti namoonni ukkaamfaman kunneen dargaggoota haalli jireenyaa itti ulfaachuun achi deemanii carraaqqachuun jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan akka ta’anis ONM odeeffateera.

Exit mobile version