ONM-ABO Fulbaana 28, 2025
Kamisa darbe Fulbaana 25, 2025 naannoo Beenishaangul Gumuz bulchiinsa magaalaa Asoosaa keessatti dargaggoonni Oromoo kanneen haalota adda addaan gara magaalichaa deeman jumlaan guuramanii hidhamaa kan turan yoo ta’u, guyyaa sana irraa eegalee hanga gabaasni kun qindaa’etti namoonni danuun ukkaamfamaa jiraachuunis addeeffameera.
Namoonnis bakkeewwan hojii humnaa hojjetan, mana kireeffatanii galan, hoteelota, daandii gubbaa fi bakkeewwan adda addaa irraas qabamaa jiraachuun kan himamu yoo ta’u, ilaalcha sanyummaan fo’amanii namootni baay’inaan 1000 ol ta’aan waajjiraalee poolisii magaalichaatti walitti qabamaa jiraachuus dubbatu.
Addattuu waajjira poolisii naannoo hoteela Baambuutti argamu keessatti kanneen ukkaamfamanii jiran danuu rakkoowwan adda addaaf saaxilamaa kan jiran yoo ta’u, qaamni hidhamtoota kanneeniif nyaataa fi uffannaa dhiyeessuuf akka hin jirres dabaluun ibsaniiru.
Ilmaan Oromoo haala dhabamuu nageenya Oromiyaa keessaa balfanii lubbuu oolfachuuf kara naannoolee ollaa Oromiyaatti baqatanii kan jiratan ta’us, murni isaan baqatanii deeman jala bu’ee hordofuun maqaalee garaagaraan yakkee hidhuu, mooraa waraanaatti erguu fi ajjeechaas irratti raawwachuu cimsee jiraachuun daran yaaddoo keessas galchuu jiraattonni magaalaa Asoosaa irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise ifoomsaniiru.

