Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo-Laga Daadhii keessaa ergamtoonni bilxiginnaa walii isaaniin wal hidhuun wal dararaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Sadaasa 4, 2024 

Ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii dursiifachuun hawaasa nagaa irratti dararaa hamaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, gargar qooddannaa bu’aa fi dirqama humnaa olii qaama isaanii olii irraa itti kennamu mufachuun walii isaaniin gochoota gara jabinaa wal irratti raawwachaa kan jiran ta’uu yeroo adda addaatti isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Magaalaa Laga Xaafoo-Laga Daadhii keessaa ergamtoonni bilxiginnaa jiraattota irratti yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan jiran yoo ta’u, walii isaaniitiif illee gara laafina tokko osoo waliif hin qabaatin wal hidhanii garmalee wal dararaa jiru. Milishoonni Bilxiginnaa baay’inaan 3 ta’an dargaggoota leenjii waraanaa deeman gama isaaniin fiduu waan dadhabaniif Onkoloolessa 31, 2024 hidhaatti darbatamanii kan jiran ta’uu maddeen itti dhiheenyaan beekan ONM’f eeran.

Akka maddeen eeranitti lukkeeleen Bilxiginnaa nama waraana deemee leenji’u 10 akka fidaniif dirqamni kan itti kenname ta’uu eeruun, milishoonni hidhaman sadeen ajaja qaama isaanii olii irraa itti kennameen “namni tokko dirqama nama 10 fiduu qabdu” jechuun waan rakkisaniif sababa nama fidan tokko dhabaniif hidhamuu fi nama 1 yoo fidan immoo qarshii 2,600 argataa kan jiran ta’uu addeessaniiru.

Exit mobile version