Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Daa’imni ganna 15 tokko maqaa eessumni kee miseensa WBO’ti jedhuun godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti waraana maafi’aa PP’n ukkaamfamuun ibsame

ONM-ABO Sadaasa 6, 2024 

Imphaayera Itiyoophiyaa keessatti hojjetatanii milkaa’uun dukkana halkanii ta’ee, baratanii galma yaadan bira ga’uun imalli daandii isaa qoree fi gufuu karaa irraan guutuun, ol adeemtota Oromoo dabalatee haawasni hundi hireen du’aa yoom na qaqqaba jechuun sagalee dhukaasa qawwee of irratti eegaa birrannaan jiraachuun aadaa ta’ee jira.

Daa’imni Saamu’el Guuttataa jedhamu godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Haayinoo bulchiinsa magaalaa Tuulamaa keessatti ol adeemaa maatii isaa biratti guddataaa ture akka ta’e jiraattonni onichaa ONM’f himan.

Daa’imni kun umuriin isaa 15 yoo ta’u, Sadaasa 4, 2024 waaree booda sa’a 11:00’tti waraanni garboomfataan PP eessumni kee miseensa WBO’ti, atis isaa waliin quunnamtii tolfattee eeruu dhaaba keenyaa baasaa jirta maqaa jedhuun barnoota isaa irraa butuun eessa akka geessan hin baramin jiraachuu jiraattonni itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

Kana malees guutuu onichaatti dararamni akka malee hawaasa irratti jabaachuun, saamichi qabeenyaa waraana gabroomfataa PP’n jalaa guuramaa akka jirus itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version