ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2024
Roorroon daangaa darbe saba Oromoo irratti taasifamaa jiru hammaachuun hawaasni hojii qonnaan jiraatu shakkamaa siyaasaa ta’uun sobaan manneen hidhaatti dararamuu fi saamamuun jabaateera.
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Caammaan Bareedaa jedhamutti kaadiroonni faashistii PP maqaa caasaa gandaa bifa haaraan deebisanii ijaaruu jedhuun dargaggootaa fi jaarrolee dirqiin qabuun leenjii milishummaatti guuruu itti fufaniiru.
Akka ganda tokkootti namni baay’inni isaa 100 ol ta’e nu barbaachisa jechuun maatii jireenyi isaanii qaala’iinsa gabaan wal qabatee jiraachuuf yaaddoo fi gidiraan wal qabaa jiru gara jabinaan qabanii guuruun gariin hidhaatti darbuun ijoolleen abbaa malee dirree onaatti hafanii jiraachuus ONM’tti himaniiru.
Kana malees hawaasni maqaa gibiraan waggaa waggaatti yeroo lamaa fi isaa ol qarshii guddaa kaffalaa kan jiru yoo ta’u, gargaarsa milishootaa fi waraanaa jechuunis maatiin qabeenyi isaanii golgoleeffamaa akka jiru dabaluun ONM’tti himaniiru.

