Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa walii isaaniitii wal hidhuun, reebichas raawwatan

ONM-ABO Hagayya 13, 2024 

Loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa kaayyoo sirna imphaayerichaa osoo hin beekin fedhaanis ta’u dirqamaan itti seenuun gochoota gara jabinaa uummata Oromoo irratti raawwachaa kan turanii fi jiran yeroo baay’ee walii isaaniitii walitti garagaluun rakkoo keessoo isaaniitti uumamuu fi sabaan walqooduun lubbuu walii isaanii balleessaa, wal hidhaa, wal reebaa fi gidiraa adda addaa wal irratti raawwachaa oolu.

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaattis loltoonni Bilxiginnaa kun walii isaaniitii wal hidhaa fi reebicha wal irratti raawwachuun isaanii beekameera.

Aanaa Daaboo Haannaa irraa maqaa sakatta’iinsa WBO’n gara gandoota aanichaatti kan bobbaafaman loltoonni sirnichaa aanicha keessa qaxxaamuruun gandoota aanaa Cawwaaqaa jala hoggaa ga’an, Hagayya 3, 2024 ganda Burqaa Barakaa bakka addaa Gola Shunkurtii jedhamuun beekamutti loltoota hedduu irratti reebicha hamaa ta’e raawwachuun, isaan kaan immoo mana hidhaatti darbachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Akka namoonni kun jedhanitti, loltoonni kun walii isaaniitiin wal dararuun kan yeroo jalqabaa akka hin taanee fi guyyaa guyyaan miidhaa wal irraan ga’aa ooluu hojii godhatanii jiraachuu itti dabaluun dubbatu.

Exit mobile version