ONM-ABO Adoolessa 28, 2024
Loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa kaayyoo imphaayera Minilik osoo hin beekin fedhaanis ta’u dirqamaan itti seenuun gochoota gara jabinaa uummata Oromoo irratti raawwachaa kan turanii fi jiran yeroo baay’ee walii isaaniitii walitti garagaluun lubbuu walii isaanii balleessaa kan oolan yommuu ta’u, godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa walii isaaniitii wal ajjeesuun himameera.
Adoolessa 23, 2024 loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa Raayyaa Ittisa Imphaayerattii jedhaman kanneen baay’inni isaanii 10 ta’an qoqqooddaa sabummaa gidduu isaaniitti uumameen du’anii jiraachuu maddeen keenya eeran.
Akka namoonni keessa beekan jedhanitti, “waraanni faashistii Abiy Ahimed kun qoqqooddaa sabummaa gidduu isaaniitti mudateen walii isaaniin walitti dhukaasuun wal ajjeesan jechuun, gochi isaan keessatti baratamaa ta’uu ibsan.
Kana duras, Raayyaa Ittisa Imphaayerattii keessaa badanii Faannootti makamaa kan jiran dhalattoonni Amaaraa, yeroo adda addaatti uummata Oromoo irratti gochoota suukkaneessaa ta’e raawwachuun balaa hamaa qaqqabsiisaa jiru” kan jedhu maddi keenya, waldhibdee sanyummaa kanaanis hedduun isaanii hidhamuu dabaluun ibsaniiru.

