ONM-ABO Adoolessa 17, 2024
Loltoonni imphaayera Itoophiyaa kaayyoo sirna imphaayerichaa osoo hin beekin fedhaanis ta’u dirqamaan itti seenuun gochoota gara jabinaa uummata Oromoo irratti raawwachaa kan turanii fi jiran yeroo baay’ee walii isaaniitii walitti garagaluun lubbuu walii isaanii balleessaa kan oolan yommuu ta’u, godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti loltoonni imphaayera Itoophiyaa walii isaaniitiin wal ajjeesuun himameera.
Adoolessa 13, 2024 loltoonni imphaayera Itoophiyaa Raayyaa Ittisa imphaayerattii jedhaman baay’inni isaanii 9 ta’ee fi milishaan tokko mooraa gabroomfataa PP keessaa dhukaasa warra kaan waliin walitti baniin ajjafamaniiru.
Akka namoonni keessa beekan jedhanitti, “waraanni faashistii Abiy Ahimed kun mooraa keessatti sanyummaan wal qoodanii akka wal ajjeesan himan.
Kana duras, Raayyaan Ittisa imphaayerattii walii isaanii waliin, milishaa fi riphee lolaa gidduutti yeroo addaa addaatti dhukaasni geggeeffamuun wal ajjeesaa turuun ni beekama.

